“Boombii binnee mudhiitti hidhannaa yoo isheen diddee ABO’tti himannaa” Wallee Qeerroon Lixa Shawwaa.

(Qeerroo lixa Shawwaa,Amajjii 21,2012) Godina Lixaa Shawaa Onootaa Akkaa Calliyaa,Midaa Qanyii Xiqur Hincinnii,Daannoo, Gudaar, magaalaa Amboo,Giincii,Fi Jaalduuttii haala walfakkaatuun qeerroowwaan dargaggoo Oromoo sirboota gutummaa Oromoo fi ABO faarsuun ayyaanaa cuuphaa kabajatan.

Gabaastoti Qeerroo bakkeewwan  Ayyaanni itti kabajame kunneen irraa akka gabaasanitti, diddaa fi fincilli Qeerroo hedduu olaanaa dha.

Akka kanaan Qeerrooleen Ayyaanichi wayitaa kabajanitti, sirboota “yaa Oromiyaa siifaan iyyaa ABO+2 gachaanaa biyyaa” jedhu fa’aa dhageessisaa kan oolan yoo ta’u, kanneen naannoo Amboo, Gudaari, Baabbichaafi Geedoo fi Midaa Qanyiitu jechuun diinaa afaan qabachiisan.

Warrii Giincii, Jalduu,Xiiqur Hincinnii “boombii binnee mudhiitti hidhannaa yoo isheen diddee ABO’tti himannaa”, fi “yaa Oromoo Oromoo qulqulluu Qonnee nyaannaa Lafa hin Gurgurruu”jechuun jechuun Ayyaanicha kabajataan.

Haalumaa Walfaakkaatuun Giddugaaleessaa sanaa Maagaalaa Finfinnee kiiloo 6 Bakkaa Jaal Meedaa jedhamuutti Dargaggeessii Qeerroo Oromoo Salaalee fi bakkootaa gararaa irraa bakka kanatti argamuun “kilaashii Tarreesinaa wayyaanee (malaasaa) balleelleessina” WBO leencaa bosonaa irraa hin seesinaa’,hoo yaa dhiiroo dhiirrii hin falmataa malaasaan Lafa Oromoo maaliif faranjiitti shamatataa” jechuun haala nama ajaa’ibuun ayyanicha kabajatan jedha Odeessii nu ga’ee jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

This entry was posted in Uncategorized. Bookmark the permalink.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s