Tarkaanfiin “Investaroota” alaa irratti eegalame itti fufe!

Gabasaa Saglii Wallaggaa Gur-dhala 09,2012

Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Baddallee, ganda Alaabash jedhamutti omisha shankooraa lafa hektaara 15,000 irratti biqilee jiru kan qabeenyummaan isaa warshaa shukkaaraa Paakistaan ta’e gutummaan guututti ibiddaan barbadaa’eera.

Tarkaanfii kun kan fudhatame Gurraandhala, 8 ,2012 yoo ta’u qaamni ykn namni tarkaanfii kana fudhates hin beekamu jechuudhaan gabaasi nu gahe addeessa..  Tarkaanfii kanaan walqabatee Mootummaan namoota lama shakkiidhaan qabee mana hidhaatti darbuun gabaafama.

Warshaan kun hanga ammaa omisha kan hin eegalle yoo ta’u, iddoo irratti dhaabbatee jiru kanaa jiraattotni 1,200 ol akka qe’ee isaanii irraa buqqa’an waan murtaa’eef ummanni immoo torbee darbe irraa jalqabee “hin buqqaanu” jedhee mormii cimaa dhageessisaa ture jedhama. Sababiin tarkaanfii kanaas diddaadhuma kanaan akka walqabatu gabaafameera.

This entry was posted in Uncategorized. Bookmark the permalink.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s