Barattootni Oromoo Yunivaristii Jimmaa fi Adaamaa Toftaa adda addaa jijijjirudhaan Warraaqsa eegalan cimsanii itti fufaniiru!


University Adaama

University Adaama

Barattootni  Oromoo Yunivaristii Jimmaa har’as diddaa isaanii itti fufudhaan basaastota Wayyaanee adabuu jalqabaniiru.  Barattootni Oromoo barattoota basaastota wayyeenee saba Tigraay  ta’an, namoota  3 (sadi) guyyaa har’aa (Gur. 10, 2012) mooraa yunivaristichaa  keessatti  barattoota hedduu fuulduratti qabanii reebudhaan huccuu irraa baasanii qullaa isaanii ari’anii doormii keessaa baasanii Waajjira poolisii Moraatti koolu-galtummaadhaan dheessanii akka seenan taasisaniiru. Poolisiin federaalaa fi Poolisiin mooraa keessaa kampasota yunivaristichaa hunda akkuma weeraranitti yoo ta’u, tarkaanfii fudhachuurraa of qusachaa jiru. Hanga har’a galgalaatti poolisii waliin walitti gaarreffannaa malee walitti bu’iinsi kallattii hin jalqabamne jechuun SAGLIIn Jimmaa gabaaseera.  

University Amboo

University Amboo

Karaa biraa immoo barattootni Yunivaristii Adaamaa Shochii warraaqsaa kaleessa jalqabuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Har’as sochii warraaqsaa eegalan toftaa biraatin itti fufudhaan oolaniiru. Toftaan diddaa har’aaf filatan immoo kutaa baruumsaa fi mana kitaabaa deemuu dhiisudhaan doormii keessaa osoo hin bahin calli jedhanii ooluu isaanii SAGLIIn Bishooftuu gabaaseera.  
This entry was posted in Uncategorized. Bookmark the permalink.

One Response to Barattootni Oromoo Yunivaristii Jimmaa fi Adaamaa Toftaa adda addaa jijijjirudhaan Warraaqsa eegalan cimsanii itti fufaniiru!

  1. bilisumaa oduun isiin nuf gabaafttaan hedduu nugamachifttanii jabaadha jajabadhaa isiniin jannaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s