Sochii Warraaqsa Ummta Aanaa Dandii Jabaate

Gurraandhala 12,2012

Aanaa Dandii, jiraattotni naannawa magaala Gincii karaai Konkolaataa Ginciirraa gara Jalduu fi Gindabarat deemuu cufuundhaan “Konkolaataan warra abbootii qabeenyaa kan fayidaa tokko nuuf hin qabnee fi qabeenya keenya saamaa jiran nurra deemuu hin qaban” jechuudhaan gaafa Gurraandhala 09,2012 karaa kana dhakaa, mukaa fi biyyoodhaan cufuun isaanii ni yaadatama. Karaan cufame kun akkuma cufametti sa’aatii 6 oliif kan ture yoo ta’u, boodarra waraanni fi poolisiin Oromiyaa humna addaatiin karicha saaqudhaan namoota kana qindeessan jedhama namoota shan qabanii gara waajjira poolisii magaala Ginciitti geessuun dhagahameera. Ummannis namoota qabaman gadi nuuf dhiisaa ykn immoo hunduma keenyaa nu hidhaa jechuun bulchiinsa aanaa Dandii ciinqaa jiru jedhama. Bakka buutonni ummataa nama 15 ta’anis dhimma kana hordofanii murtii ummataan akka gahan kaleessa bakka buufamaniiru. Ummanni kana boodas konkolaataa Gurguddoon kan warra Cirrachaa fi dhakaa deddeebisanii yoo dhufe ammas deebinee ofirraa cufna jedhaniin poolisii waan akeekkachisaniif karaan banamus hanga har’aa konkolaattonni jedhaman karaa sanarra deemuu dhaabaniiru jechuun SAGLIIn Amboo gabaaseera.

 

This entry was posted in Uncategorized. Bookmark the permalink.

Leave a comment