Ummanni Oromoo Ona Gadabasaasaa Nu dhaqqabaaf Iyyachaa jiru!

Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo dhimma amantii irratti gaaffii mirgaa gaafate deebii isaa rasaasa gochudhaan namoota hedduu ajjeesudhaan kaan immoo mana hidhatti guurtee dararaa gara jabummaa irratti raawwachaa jirti. Godina Arsii, Ona Gadabasaa qofarraa gara nama 200 olii hiitee mana hidhaa keessatti “Al-Qaayidaa fi ABOtu nu ijaare jedhaatii miidiyaatti dubbadhaa; yoo kana gootan gadi dhiifamtu” jechuudhaan waan isaan hin beeknetti maxxansudhaan reebichaa fi torchii taasisaa akka jiran poolisoonni Sabummaan itti dhaga’ame tokko tokko quuqqaa guddaadhaan dubbachaa jiru. Karaa biraa immoo Magaala Gadabasaasaa irraa kan hidhaman namoota 85 irratti ragaa sobaa baasisuuf kaleessa mana murtii aanichaatti dhiyeessitee, sababa “Namoonni ragaaf qophaa’anii nuuf hin dhufne” jedhuun achuma oolanii osoo homaa hin gaafatamin gara mana hidhaatti dachaasan. Dhimmi namoota hidhamanii kun hedduu kan isaan yaaddesse ummanni Gadabasaasaa fi Maatiin hidhamtootaa Ummata Oromoo bal’aa fi Addunyaatti nuuf iyyaa jechudhaan nuuf birmadhaadhaaf sagalee dhageessisaa jiran jechudhaan Sagliin Shaashamannee har’a Caamsaa 4, 2012 gabaaseera.

Karaa biraa immoo Godina Booranaa, daangaa Keenyaa irratti tarkaanfii WBOn torbee kana fudhateen walqabatee mootummaan naasuu cimaa keessa galuun Waraana Kumaatamatti lakkaayamu qubachiisudhaan “isintu karaa qajeelche, yoo isaan argitan maaf hin ajjeesinaa? fi kkf” jechuun ummata haalan dararaa akka jirtuu fi kanumaan walqabatee Oromoonni ammaaf maqaan isaanii hin beekamne gara nama 13 hiitee jirti jechuun Sagliin Madda Walaabuu gabaasa amma nuun gaheen nu beeksiseera.

This entry was posted in Uncategorized. Bookmark the permalink.

One Response to Ummanni Oromoo Ona Gadabasaasaa Nu dhaqqabaaf Iyyachaa jiru!

  1. jirraamaalii says:

    DUBBIIN DHUGAAN NUU dhuftee
    abbaa irree sarditee
    gamaaf gamasiin kaatee
    amma yoo dubbiin taatee

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s