Guyyaan Yaadannoo FDG Sadaasa 9, Caasaalee KQWUO hunda biratti sagantaa adda addaatiin yaadatamee ooleera. Guyyaan Yaadannoo FDG kan baranaa kun yeroo mootummaan Wayyaanee nama Sombaa fi onnee ishee ta’uun hoogganaa ture (Mallas) of irraa dhabdee raafama hamaa keessa jirtutti kan yaadame waan ta’eef kan yeroo kamuu caala sirnoota haamlee fi abdiidhaan guutamaniin caasaalee QBO fi Ummata Oromoo biratti yaadatamee oole. Sirni yaadannoo kun keessaayyuu caasaalee KQWUO mara biratti haamlee guddaadhaan sochiilee QBOtiif gumaacha guddaa qaban hojjachuudhaan ykn taasisuudhaan yaadatame.
Haaluma kanaan sochiilee jala bultii irraa eegalee taasifame keessaa kan akka suuraa Wareegamtootaa fi dhaamsa isaanii iddoo ummataaf mul’atutti maxxaaansuu, karaa SMS immoo barreeffamoota gaggabaaboo FDG yaadachiisanii 1,000 kan KQWUOtin maxxanfame karaa caasaalee KQWUO sabboontota muraasa bira akka gahu taasifameera. Sochiileen kunneenis yaadannoo fi seenaaf akka ta’utti iddoowwan garaa garaatti suuraa fi Viidiyoon akka kaafamu ta’eera.(Viidiyoon nuuf fe’amuu didellee suuraalee hanga totto dhaamsa kanatti hiineerra)
Guyyaa yaadannoo kana miseensota koree KQWUO dabalatee caasaan KQWUO hundi akkuma karoorfamee turetti bakka jiranitti Gaaddisa yaadannoo guyyaa kanaa taa’udhaan sirna yaadannootti aansuudhaan haala QBO fi deemsa karoora KQWUO irratti marii gaggabaaduu taasifameera. Keessaayyuu sirna yaadannoo Wiirtuu KQWUO keessatti gaggeeffame irratti seenaa gootota Oromoo QBOtiif wareegamanii keessaa muraasa akka fakkeenyaatti waliif dubbisuudhaan(Kitaaba Goota Oromiyaa jedhu irraa :Gootota keenya irraa maal barannaa? Mata duree jedhuun marii fi gaaffi fi deebii taasifame irraa waan hedduun walirraa barameera. Haalli kun caasaalee KQWUO baayyee birattis haaluma wal fakkaatuun yaadatamuu gabaasaaleen KQWUO baayyee biratti haaluma wal fakkaatuun gaggeeffamuu gabaasaalee nu gahaa jiran irraa hubachuun danda’ameera





